Joohaannesbarg
Afrikaa Kibbaa Johaannesbarg keessatti SUNCASAn bishaan kuufamaa laga Jukeeskei Olaanaa haaromsuu, lolaa hir’isuu, ho’a bulchiinsa magaalaa fooyyessuu, nageenya bishaanii guddisuu, jireenya hawaasa deeggaruu, naannoo magariisaa babal’isuu, fi heddummina lubbu qabeeyyii eeguu ni deeggara. Furmaata Uumama irratti hundaa’e ykn NbS namoota miliyoona 1.045 fayyadamoo kan taasisu, tilmaamaan carraa hojii magariisaa 1,000 tahan kan maddisiisu yoo ta’u, kunis adda durummaan gareewwan carraa hin qabne gidduutti.
Johaannesbarg keessatti, gosootni weerartoota alageenii sirna lageenii keessatti argaman nageenya bishaanii magaalattii balaadhaaf saaxiluu, balaa lolaa dabaluu fi heddummina lubbu qabeeyyii naannoo irratti dhiibbaa geessisu danda’u.
Hawaasni qarqara Jukeeskei jiranis ho’a dabaluu fi dhiibbaa odola ho’aa wajjin wal’aansoo wal qabu, keessumaa kutaalee harka qalleeyyii ykn hiyyeeyyii tahan dandeettii madaqsuu daangeffame qabu. Bakki bishaan kuufamaa Jukeeskei, naannoo mana jireenyaa idilee fi al-seerummaan baay’inaan itti guddate, naannoo qonnaa akkasuma wiirtuuwwan daldalaa of keessatti qabata.
Qubsumni al-seerummaa naannolee kanneen keessatti keessumaa dhiibbaa lolaadhaaf saaxilamoodha bu’uuraalee misoomaa miidhamuu, meeshaaleen baduu fi balaa fayyaa wajjin walqabatee dhufun taateewwan lolaa kun waanuma barameedha.
SUNCASA michoota biyya keessaa waliin ta’uun, gosoota weerartoota alagaa daandii bishaanii magaalattii cufan buqqisuu, qarqara lagaa deebisanii dhaabuu, ho’a magaalaa too’achuu fi nageenya bishaanii guddisuuf dursa ni kenna. Dabalataanis, hojiiwwan biqiltootaa fi biqiltoota uumamaan lafa sanarra jiraatan guddisuufi dhaabuu akkasuma hojiiwwan biqiltootaa midhaanii kanneen akka waliigalaatti fuduraalee, kuduraalee [horticultural] iddoowwan magariisaa babal’isuu irratti kan xiyyeeffatan ta’a.
NbS Sochiiwwan Bakka Laga Jukeeskei Keessatti
