SUNCASA | Volunteers planting a tree as part of the launch of the #MyTree community tree planting campaign in the Gasabo District on October 26, 2024. (Photo: Rwanda Young Water Professionals | SUNCASA)

FURMAATA UUMAMAA MAGAALAA IRRATTI HUNDEEFFAME

Hojiin SUNCASA’n bishaan kuufamaa deebisanii dhaabuu fi naannoolee magariisa taasisuu, magaalonni Afrikaa qormaata dhiibbaa qilleensaa, keessumaa lolaa fi gogiinsa hammaataa dhufeef dandeetti dandamachuu isaanii guddisuu, akkasumaas heddummina lubbu qabeeyyii fi fayyaa ikoloojii cimsuun manca’iinsa lafaa fi bishaanii furuuf kan akeekedha.

Magaalonni Afrikaa harka sadii keessaa lama dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaatiin balaa guddaa kan qaban yoo ta’u, balaawwan kun keessumaa hawaasa baay’ee saaxilamoo ta’an biratti cimaadha. Furmaatni uumamaa irratti hundaa’e (NbS) mala baasii xiqqaa qabuun saaxilamummaa balaa jijjiirama haala qilleensaa hir’isuuf, bal’inaan kan beekamu yoo ta’u, bu’aan jijjiirama haala qillensaa madaqsuutii fi heddummina lubbu qabeeyyii fooyya’aa ta’eef gumaacha olaanaadha qaba.

SUNCASAn, saaxilamummaa jijjiirama haala qilleensaa dabalaa dhufe furuuf, bu’uuraalee misoomaa gadhee, uummata baay’ee hawaas-dinagdee gadhee ta’een hoogganamu, dirree dhawaa (Itophiyaa), Kigali (Rwanda) fi Johannesburg (Afrikaa Kibbaa) keessatti saaxilamummaa kana  furuu fi rakkinoota isaanii barbaadee sadarka sadarkaan furu  barbaada sadarkaa. Akkasuma  qabeenya daangeffame jijjiirama haala  qilleensaa wajjin walsimsiisuuf hojjata.

Dizaayiniin SUNCASA uumamaa-pozaatiivii bakka jireenyaa fi walitti hidhamiinsa isaanii, akkasumaas bifa ikkoloojii fi dalagaa guddisuuf kan akeekeedha.

Hojii deebisanii dhaabuu fi magariisa gochuuf gosoota weerara hin qabne adda addaa, ikoloojiidhaan kan madaqanii fi kaayyoo hedduu qaban fayyadama. Hojiileen kunneen lolaa fi sigiga lafaa salphisuu fi to’annoo dhiqama lafaa kan deeggaran yoo ta’u, odola ho’a magaalaa hir’isuu, akkasumaas heddummina lubbu qabeeyyii ni eegu.

SUNCASAn mootummoota bulchiinsa magaalaa, michoota barnootaa fi hawaasa siivikii, dhaabbilee dubartootaa akkasuma hawaasa magaalaa tokkoon tokkoon isaanii keessatti Furmaata Uumama irratti hundaa’e ykn  NbS haala addaan kan dursa kennuu naannoo ilaallatu fi dizaayinii hojiirra oolchuu, hordofuu fi leellisuu keessatti ni deeggara. SUNCASAn akkasumaas michoonni biyya keessaa Furmaata Uumama irratti hundaa’e ykn  NbS bu’a qabeessa ta’ee fi galma jijjiirama haala qilleensaa naannoo madaqsuu galmaan ga’uuf akka leenji’anii fi humna akka argatan ni taasisa.