SUNCASA | SUNCASA volunteers working on afforestation of the Ada Kebele region in Dire Dawa, Ethiopia.

DIREE DHAWAA

Itiyoophiyaa keessaa  Dirree Dhawaatti SUNCASAn balaa lolaa, dhiqama lafaa, fi dhiphina bishaan magaalaa keessa jiru furuuf, bakka bishaan laga Dechaatuu deebisuuf ni hojjeta. Namoonni 200,000 ol naannoo lolaadhaaf saaxilamu keessa jiraatan furmaata uumama irratti hundaa’e ykn  (NbS) koorniyaa irratti hundaa’e irraa fayyadamoo ta’u, kunis bosona dhaabuu, naannoo ittisa lolaa hundeessuun, keessumaa oomishtoota xixiqqaatiif bulchiinsa bosona yeroo dheeraa, itti fufiinsa qabuu fi haaromfamuu danda’u guddisuudhaan dinagdee magariisaaf gumaacha kan qabu fi jireenya tasgabbii qabuu maddisiisuu akksasuma, dhaabbii biqiltuu magaalaa keessatiin, lolaa bishaanii fi dhiibbaa ho’aa hir’isuuf dabalatee kanneenirraa fayyadamoo ta’u.

Lolaa ariifachiisaan, dhiqamni biyyee fi hanqinni bishaanii, balaa jijjiirama haalaa qilleensaa dirree dhawaa  keessatti murteessaa ta’ee kan mul’atuudha. Fayyaan hawaasaa fi dinagdeen naannoo sababa hanqina bishaan lafa jalaatiin gadi bu’aa jiru, ho’aa fi hanqina bishaaniitiin balaadhaaf saaxilameera.

SUNCASAn  NbS hojiirra oolchuuf qooda fudhattoota biyya keessaa waliin ta’uun, aanaalee (ganda) akkasuma  magaalaa fi baadiyyaa keessatti naannoo lolaadhaaf saaxilamu irratti xiyyeeffata. NBS SUNCASA jalatti hojiirra oolee, lolaa hatattamaa fi dhiqama biyyee ni hir’isa, bishaan lafa jalaa deebi’ee akka  guutuu fi misooma naannoo ittisa lolaa hundeessuun ni guddisa, keessumaa oomishtoota xixiqqaatiif bulchiinsa bosona yeroo dheeraa, kan itti fufiinsa qabuu fi haaromfamuu danda’u guddisuudhaan dinagdee magariisaaf gumaacha qaban ni babal’isa, oomishtummaa lafaa, oomisha midhaanii, fi qaqqabummaa teeknooloojii ni fooyyessa.

Inishiyeetiivichi leenjii ijaarsa dandeettii fi oomisha biqiltuu keessatti hojii hojjechuu, horsiisa beeyladaa, nyaata barbaaduu, oomisha kompostitii fi hirmaannaa pirojektii waliin wal-qabatu kan  birootiin namoota dhuunfaa 3,500 hanga 4,000 kallattiin fayyadamoo taasisa. Pirojektichi paarkiiwwan hawaasaa misoomsuu fi lafa uummataa, qabeenya dhuunfaa fi qarqara daandii irratti biqiltuu dhaabuun iddoowwan magariisa magaalaas ni guddisa.

SUNCASA Sochiiwwan Bishaan Laga Dechatu Keessatti

SUNCASA Dire Dawa Watershed Vertical